top of page

Magaalaa Shaashamanneetti simanna Jawaar Mohaammad taasifameen namoota sadii lubbuun isaanii darbe j


Suuraa (C): OBN - Dr. Darajee Dhugummaa,Hooggannaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

{OBN: 06 12 2010] - Magaalaa Shaashamanneetti simanna Jawaar Mohaammad taasifameen namoota sadii lubbuun isaanii darbe jira.

Rakkoo uumame kanaanis namoonni hedduu irra miidhan qaamaa irra gahe jira. Hooggannaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dr. Darajee Dhugummaa akka fuula fees bookii isaanii irratti ibsaniitti Magaala shashamannee keessatti waan mudateef gadda itti dhagahame ibsuun, hospitaalotnii fi buufataaleen fayyaa deeggarsa adda addaa namoota miidhamaniif kennaa akka jiran ibsuun, ogeessotnis kana irratti hirmaatan galatteffatani jiru. Maatii namoota miidhamaniif jajjabina hawwini jiru.

Akka Dr Darajeen ibsanitti Hospitaala Referaalaa shashamannee keessatti nama 18 tatu yaalamaa jiru. *Hospitaala Malkaa Odaa keessatti 31 yaalamaa jira. *Hospitaala Fayyaa keessatti nama 11 tu yaalame *Buufata Fayyaa Abboostoo keessatti nama 7 tu yaalame Waliigalatti namoota 69 irra Miidhaan gaheef tajaajila fayyaa kennama akka jiru ibsani jiru.

(C) OBN

#KanatvKanadramaEBSTVJtvethiopiaNewEth

bottom of page