
Image Credit: ehrp.org
Onkololeessa 31, 2017: Hogganaan mormii siyaasaa Itiyoophiyaa Obboo Baqqalaa Garbaa mana hidhaati akka gadhifaman Manni Murtii Olaanaa Itiyoophiyaa guyyaa kalleessa akka dabarse gaazexaan Adis Istaandaard maxansa isaa Onkololeessa 30 Bara 2017 irratti gabaasera. Obboo Baqqalaa Garbaan hayyoota Oromoo fi dura bu'oota paartiI Warraaqsa Federaalistii Dimokraatawaa Oromoo (Oromo Federalist Congress) biroo waliin imala biyya alaattii erga deebi'aniin boda motummaa Wayyaanettiin haqa malee himata shororkessumaadhaan waggaa lamaaf mana hidhaa kessatti gidiramaa turaniru. Mani Murtii Ol'aanaa mirga wabii Obboo Baqqalaa Garbaattiif ajjajus, hanga ammaa garuu mana hidhaa keessa jiran midiyaaleen biyya keessaa fi ala jiran gabaasaa jiru. Itti aanaa dura ta’aa paartii mormituu Warraaqsa Federaalistii Dimokraatawaa Oromoo kan turan Obbo Baqqalaa Garbaan, kana duras, motummaa abbaa hiree Tigiraayittiin waggaa sad'ii fi baatii torbaaf akka hidhaman ni yaadatama.
(C) Adis Istaandaard , OMN
#Oromiyaa #oduu #OMNNews #AfanOromonews #WarraaqsaFederaalistiiDimokraatawaaOromoo #OFC #OromoFederalistCongress #BekeleGerba #TPLF #OPDO #MeraraGudina #BaqqalaaGarbaa #Oromianews